Iyyaasuu fi Kaaleb abdii Waaqayyo kenne irratti amantii cimaa qabu turan.
Kana’aan keessatti namoonni gurguddoon Waaqayyo abdachiise jiraatanis, Iyyaasuu fi Kaaleb Waaqayyo akka isaaniif kennu mirkanaa’inaan amanan.
Akkuma Kaaleb umrii isaa waggaa 85ttillee deemee biyya abdachiifamte dhuunfachuuf duubatti hin jenne, bara kana keessattis amantii Iyyaasuu fi Kaaleb wajjin wal fakkaatuun samii abdachuu qabna.
Akkuma Waaqayyo Iyyaasuu fi Kaaleb imala isaanii gara Kana’aanitti godhan hundumaa wajjin ture, har’as, Kiristoos Ahnsahnghong fi Waaqayyo Haati yeroo hundumaa wangeelli Waldaa Waaqayyoo saffisaan addunyaa guutuutti akka mul’atuuf karaa banaa akka jiran nutti dhaga’amuu danda’a.
Kaaleb ilma Yefuneetii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee tokkoon keessan iyyuu biyya ani keessa isin qubachiisuuf kakadhe sanatti hin galtan.
Lakkoobsa 14:30
Erga Museen garbichi Waaqayyoo sun duʼee booddee Waaqayyo akkana jedhee Iyyaasuu ilma Nuuni gargaaraa Musee sanatti dubbate:
Ati sababii akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe sana dhaalaniif saba kana hoogganuuf cimi; ija jabaadhus.
. . . Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
Iyyaasuu 1:1–9
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy