Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu akka kitaaba seenaa Israa’el ykn mitiiloojii qofaatti ilaalu.
Haa ta’u malee, Kitaabni Qulqulluun kitaaba addunyaa kanarraa isa durii yoo ta’u, yeroo adda addaatti namoota hojii adda addaa qabaniifi umriin isaanii waggaa 1,600 keessaa kan barreeffamedha.
Wanti caalaatti nama ajaa’ibu, wanti waggoota 1,600f barreeffame hundi akka raajii fi raawwiitti walitti hidhame ta’uu isaati.
Galmeewwan Kitaaba Qulqulluu keessaa, waaʼee raajii Qiiros Mootichaa fi raawwiisaa haa qorannu.
Mootiin Qiiros hundeessaa Impaayera Persiyaa fi mo’ataa Bahaa ture.
Mee bu’aa guddaa inni Kitaaba Qulqulluu keessatti galmaa’e haa ilaallu.
“Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “ ‘Waaqayyo Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera.’ ” ” (Izr 1:2–3)
Qiiros inni mootiin Persiyaa Waaqa Israaʼel galateeffatee Israaʼeloota bilisa kan baase maaliifi?
Mootichi Qiiros macaafa Isaayaas inni Israaʼeloota bilisa baasuu isaa gara waggaa 170 dura barreeffame keessatti maqaan isaa barreeffame arge.
“Waaqayyo dibamaa isaa Qiiros, kan ani saboota isa jalatti bulchuu fi hidhannaa moototaa hiiksisuuf jedhee harka isaa mirgaa qabee . . . Ati akka ani Waaqayyo Waaqa Israaʼel isa maqaa keetiin si waamu taʼe akka beektuuf, ani badhaadhummaa dukkana keessaa, qabeenya lafa dhoksaatti kuufames siif nan kenna.” (Isa 45:1–3)
Mootichi Qiiros Waaqayyo Baabilon akka moʼu isa gargaare akka taʼe waan hubate, akkuma Kitaabni Qulqulluun raajiidhaan dubbatametti Israaʼeloota bilisa baase.
Kanarraa kan ka’e, Mootiin Qiiros amma iyyuu mootii durii garboota bilisa baasee fi mirga bilisummaa amantii beekamtii kennee ta’uun namoota biratti faarfamaa jira.
Kitaabni Qulqulluun Yesus waggaa 700 dura daaʼima taʼee akka dhalatu raajii dubbateera.
Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti. (Isa 7:14)
Akka raajii kanaatti Waaqayyo qaama durbaa Maariyaamii Yesus ta’ee dhalate. (Maat 1:18–23)
Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Yesus akkamitti akka rakkatu balʼinaan raajii dubbate.
Inni nama biratti tuffatamee jibbame; . . . Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine. (Isa 53:3–5)
Akka raajii kanaatti Yesus eeboodhaan waraanamee reebame. (Maat 27:26–35; Yoh 19:34) Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo barreeffaman namoota biratti hubatamuu baatanis, hundi isaanii raawwatamaniiru.
Kanaaf Kitaabni Qulqulluun raajii tuffiidhaan akka hin ilaalle nu akeekkachiisa. (1 Tas 5:20)
Raajii Kitaaba Qulqulluu yoo tuffanne fayyuu akka hin dandeenyeef.
Akkuma raajiiwwan baay’een akkuma barreeffamanitti sirriitti raawwataman, raajiiwwan hafan hundinuu osoo hin kufin dhugoomu.
“Iddoo garaa garaatti sochiin lafaa guddaan, beellii fi golfaan ni taʼa; samii irrattis wanni sodaachisaanii fi mallattoon gurguddaan ni taʼa.”
(Luq 21:11)
Kitaabni Qulqulluun yeroo balaan guddaan fi badiin dhumaa dhufu fayyina argachuuf gara Xiyoonitti baqachuu akka qabnu nutti hima.
“ ‘ . . . walitti qabamaa!’ Xiyoon dhaquuf faajjii ol qabaa? Dafaa baqadhaa malee duubatti hin harkifatinaa! Ani karaa kaabaatiin balaa, badiisa suukaneessaas nan fidaatii.” (Erm 4:5–6)
Xiyoon, iddoo ayyaanni Waaqayyoo itti kabajamu, iddoo itti baqannaa fi fayyina Waaqayyo abdii nuuf kennedha. (Isa 33:20)
Waldaa Ergama Addunyaa Waldaa Waaqayyoo addunyaa kanarraa akka barsiisa Kitaaba Qulqulluutti ayyaana Waaqayyoo kan kabajju waldaa tokkicha; Xiyoon dha.
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy